Telegram Group Search
Utuu Sabni boo'uu
Ani yoon callisee
Sodaa lubbuu kootif
Dhugaa yoon jallisee
Utuu hundi gadduu
Qofaako yoon sirbee
Dantaa kootif jedhee
Sabako yoon jibbee
Aadaako tuffadhee
Yoon faarse alagaa
Utuu kichuun du'uu
An yoon jedhe nagaa....
~
Sabni koo hin dhiisuu
Gumaa ni baafataa
Dhiigni haqaaf lola'ee
Seenaan na gaafataa...❣️
@AmenaTeferi ✍️
~
Gosaan tokko ta'eef
Itittuun dhamaaree
Hunduu calaqqiseef
Warqii jedhamaaree..
~
Kan inni dubbatuu
Ilaaltee madaalaa
Hin amaniin lakkii
Bor didee si haalaa
~
Siif tolus siin lolus
Eeyye hobbaafadhuu
Maalif akkas godhee
Jedhii of gaafadhuu
~
Boollatti si geessaa
Dhiibe tabba gamaa
Jaalladhu maleessaa
Hin amaniin namaa..!
@AmenaTeferi!
~
Amna fagoo - karaa dheeraa
Obsee deemuuf - jalqabeeraa
~
Daandii dhugaa - daandii haqaa
Irra deemeen - galma dhaqaa
~
Lafee cabee - dhiiga cobsee
Beelaaf dheebuu - hunda obsee
~
Aduuf roobaan - waxalamaa
Hin dhagga'u - waca namaa
~
Kaayyoo kiyyaaf - garba ta'ee
Lafa hawwii koo - sana ga'ee
~
Lammii kootiif - dhugaa labsaa
Waanjoo garboonfataan - cabsaa
@AmenaTeferi ✍️
~
Eebbisaa Addunyaa!
~
Eebbisaa goota koo
Abbaa kaayyoo jabaa
Dhalootni harrayyuu
Waa'ee kee lallabaa
Duratti utuu fiigduu
Gaaffi sabaa fuutee
Rasaasi si nyaatee
Du'a gootaa duutee
~
Sagalee kee sanaan
Diina maraachiftee
Bosonattis seentee
Iddoodha kaachiftee
Booruu abbuuqachaa
Ija mukaa nyaattee
Oromoo Saba keef
Lubbuu kanke laattee
~
Kan har'a dubbannuu
Seenaa boollaa qonnee
Lafarra harkifamtee
Duutees hin boqonnee
Lafeen kee caccabee
Nuuf haa galatoomuu
Goota jechaan oliii
Si yaadanna yoomuu....!

~
Hagayya 30 / 2022
Guyyaa Yaadannoo
Wareegamuu Weellisaa
Eebbisaa Addunyaa!
@AmenaTeferi✍️
~
Moggaatti darbatamee
Hundumtuu natti muree
Har'as boo'uttan jiraa
Kaleessas boo'an turee
Na dhukkubaafin iyyaa
Didee tasuma fayyuu
Kunoo imimmaan kiyyaa
Roobaa jira har'ayyuu
~
Madaake si madeessaa
Fuudhee rukutee dibbee
Akka waanin kaleessaa
Gaafa ati boossu sirbee
Moggaatti na darbattee
Qooda amantu shiraa
Rakkoo kiyya naaf bartee
Maaf nan dubbattu firaa
~
Dhugaadhaaf na adabuu
Dubbachun shiraaf dabaa
Si malee fira hin qabuu
Naaf birmadhu yaa sabaa!
@AmenaTeferi✍️
~
https://vm.tiktok.com/ZMNTX1F63/
👆👆👆
Fuula Tiktok'ii Kiyya Follow
Naaf Godhaa ❤️🙏
https://vm.tiktok.com/ZMNE7jKfq/
👆👆
Tiktok'ii Kiyya Follow Naaf Godha🙏
Maaf kolfi naan jettaa
Mee maaltu naaf ta'ee
Hawwiin garaa kootii
Yoom galma naaf ga'ee
~
Utuu lammiin kiyyaa
Qe'eedhaa buqqa'uu
Deemsi dadhabsiisee
Miilli isaa luqqa'uu
~
Utuu abbaan fedhe
Qomoo koo hiraarsuu
Goota isaa wareegee
Dabeessa itti faarsuu
~
Utuu Sabni nagaan
Rasaasaan waadamuu
Kolfi naan hin jedhiin
Kolfuun hin yaadamuu!
@AmenaTeferi
~
Kaayyoof karoora ciree
Dabaan of hin wareeguu
Sodaadhee garaa hiree
Harka kenne hin beekuu
~
Homaa nan sodaachisuu
An rakkoo hedduun lufee
Of duuba nan deebisuu
Humni kamuu yoo dhufee
~
Akkan miidhamee cabuuf
Dabaan utuu na yakkuu
Dhugaa sababan qabuuf
Injifachuu koo'n shakkuu
~
Haqni dhiigaan eegamaa
Lubbuun irratti citee
Kaayyoofin wareegamaa
Anaan dhugaatu bitee...!
@AmenaTeferi
~
Jaalala jabeessuun
Yoo qabaatte gamtaa
Tokkoof lama mitii
Hundaan kabajamtaa
~
Gaafa namni hunduu
Tokkummaa lallabuu
Rakkoon lakkuu ta'ee
Takkaa falan dhabuu
~
Kallattii hundumaan
Gaafa tokko taatuu
Qofaa qofaa baasee
Bineensi sin nyaatuu
~
Dhiigaan malee tolaa
Hin fuudhan gabaatii
Roorroodhaf qorichii
Tokkummaa Sabaatii...!
~
@AmenaTeferi✍️
~
Iji kee hin boqonnee
Imimmaan gad lolaasaa
Anaa nyaatu qomooko
Kan kee garaa na raasaa
~
Obseen taa'a yoon jedhee
Garaa kootu na didaa
Boo'i boo'i naan jedhaa
Yoon boo'es maalin fidaa
~
Anaa nyaatu dhiiga koo
Dhiiga koo hidda lafee
Utuu iji kee boo'uu
Gammadeen beeku rafee!😥
@AmenaTeferi✍️
~
https://vm.tiktok.com/ZMFYV91b7/
👆👆
Dhaggeeffadha 👏
Kan qalbiin koo akeektuu
Jechaan na madeessanii
Jiraachuu kiyyan beektuu
Sirraa na fageessanii...❣️
Hanqina koo lakkaa'ee
Balbala diinaaf banaa
Bara darbes nan boo'aa
Baranas akka kanaa
~
Madaa qaama kootii
Garaa keessa dhoksee
Waraansa akka malee
Danda'uudhaan obsee
~
Godaannisan qoorree
Sossobuudhan yaalaa
Bara baayyeen boo'ee
Kolfeen immoo ilaalaa!
Gaafa keessi na madaa
Kan dafee na qaqqabuu
Hin badu maalin badaa
Utuun Oromoo qabuu...!❣️
Jiruu gola sammuu
Onnee baachifadhee
Qoodake miidhamuu
Hunda caalchifadhee
~
Utuun jiruun badduu
Jedhee jala muree
Obsee rakkoo hedduu
Si kunuunsaan turee
~
Godoo kiyya bantee
Dhugaa kootti ceetee
Ati immoo na gantee
Filattus waan feetee
~
Miidhamni koo baraan
Sitti hin ta'iin cubbuu
Mannike inni haaraan
Sitti haa tolu lubbuu..!
Waa'ee keetiif jechaa
Dafqa lakkuu cobsee
Utuun si jaalladhuu
Rakkoo hedduu obsee
Kan jalqabaaf dhumaa
Summii jibbaa biiftee
Gad jettee gungumaa
Adeemtus na dhiiftee
~
Garaadhaa nan baduu
Oolmaan kee kaleessaa
Boo'uun nan fayyaduu
Kolfaan si geggeessaa!!
~
@AmenaTeferi!
2024/06/18 21:41:26
Back to Top
HTML Embed Code: